Qormaata sababa boba’aan mudatu cichoominaan darbuutu barbaachisa – Dooktar Alamuu Simee
Finfinnee, Bitootessa 9, 2018(FMC) – Qormaata sababa boba’aan mudatu cichoominaan darbuutu barbaachisa jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.
Gatii fi dhiyeessiin boba’aa guutuu Addunyaatti qormaata guddaa ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaan ammoo biyya karra galaanaa hin qabne ta’uu isheen caalmaatti qoramti jedhan.
Wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuun boba’aatti qusannaa fi sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu hubachiisan Dooktar Alamuun.
Qormaata kana cichoomina, bal’isanii yaaduu fi maloota jiran fayyadamuun ce’uun murteessaa ta’uu eeran.
Rakkoo mudate hubannoo keessa galchuun Lammiileen kallattii mootummaa kennuu hojiirra oolchuun gahee isaanii akka bahan gaafatan.
Boba’aa qusannaan fayyadamuun dhiibaa diinagdee hir’isuu ta’uu dubbatan.
Buufataaleen boba’aa hundi boba’aa dhiyaatu sirna gurgurtaa kaa’ame qixa sirriin hojiirra oolchuu qabu jedhan.
Akkasuma konkolaattoota deddeebisa ummataaf dursa kennuun akka raabsan yaadachiisan.
Rakkoon kun furamee hamma sirna dhiyeessii boba’aa idileetti deebi’utti boba’aa qusannaafi wantoota bu’uraaf dursi akka kannamu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.