Fana: At a Speed of Life!

Qormaatilee gara carraatti- ibsituu Mootummaa jijjiiramaa…

Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC) – Barii jijjiirama biyyaalessaa eegalee qormaatilee namtolchee fi uumamaa hedduun mudatanis gara carraatti jijjiiruun milkaa’inni olaanaan galmaa’eera.

Baroota jijjiiramaa keessaa qormaatilee mudatan keessaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaan walqabatee dhiibbaan Dippiloomaasii, waraanni kaabaa fi weerarri Covid – 19 isaan ijoodha.

Akkasuma balaan gogiinsa, sigiga lafaa, lolaa fi kanneen qormaatilee jajjaboo mootummaa jijjiiramaa qoraniidha.

Hidha Gudicha Haaromsa Itiyoophiyaa dhiibbaa dippiloomaasii ture dandamachuun, akkasuma hojmaata badaa raawwii piroojektichaa sirreessuun xumuruun danda’ameera.

Itiyoophiyaan dhiibbaa Dippiloomaasii gama Ijiptiin ture jala dhaabbachuun qabeenya uumamaa ishee misoomsuu fi fayyadamuu mirga qabdu karaa haqa qabeessa ta’een hojiirra oolchuun injifannoo galmeessuu dandeesserti.

Biyyoonni ollaa biroos ejjennicha tumsuun wayita eebba Piroojektichaa Itiyoophiyaaf ragaa bahaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofee fooyyessi diinagdee gooroo yeroo gabaabaa keessaatti bu’aa galmeessuu kan danda’e yoo ta’u, kanaanis dhiibbaan idaa Itiyoophiyaa hir’ateera, Piroojektoonni misoomaa guguddoon xumuramaniiru, galiin biyya keessaa fi alaa dabaleera.

Waggoottan darban haaloonni diinagdee Itiyoophiyaarratti dhiibbaa olaanaa uumaan mudatanis rakkoolee turan dandamachuun guddina diinagdee itti fufiinsaan galmeessuun danda’ameera.

Waraana Raashiyaa fi Yuukreen waliin walqabatee daballii gatii sadarkaa idil addunyaatti mudate dandamachuuf mootummaan jijjiiramaa oomishtummaa biyya keessaa guddisuu, daldala alaa caalmaatti fooyyessuu fi galii biyya keessaa guddisuun dhiibbaa diinagdee ture dandamannaan ce’eera.

Walitti bu’iinsa biyya keessatti bakkeewwan addan addaatti mudatan waaressuun cinaatti misoomni koriidarii bifa magaalootaa jijjiiraan hojjetamaniiru.

Akkasuma qonni misooma jallisii fi sagantaan ashaaraa magariisaa milkaa’inoota barii jijjiiramaa galmaa’aan keessa isaan muraasa.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.