Qulqullina tajaajila tuurizimii fooyyessuun galii damicha irraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira – Komiishinicha
Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2018(Finfinnee) -Qulqullina tajaajila tuurizimii fooyyessuun galii damicha irraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Komiishiniin Tuurizimii Oromiyaa.
Guddina dinagdee akka biyyaatti qabame milkeessuuf dameelee xiyyeeffannoo guddaan kennameef shanan keessaa tuurizimiin isa tokko.
Xiyyeeffannaa damichi argateef ammoo jilli Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu dhiyeenya kana Paarkii Biyyaalessaa Gaarren Baalee fi hawwattoota tuurizimii biroo godinichatti argaman daawwachuun kallattiin kaa’ame agarsiistuu tokko.
Komiishinarri Itti aanaan Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo, daawwannaa sanaan kallattin Ministira Muummeen kenname guddina Tuurizimii naannichaaf onnachiistuu guddaa ta’uu Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.
Akka ibsa obbo Naggaatti, Naannoo Oromiyaatti durumaanuu iddoowwan hawwata tuurizimii ta’an misoomsuu, beeksisuu fi qulqullina tajaajilaa fooyyessuun qooda damichi guddina dinagdee waligalaa keessatti qabu guddisuuf hojjetamaa jira.
Hojii hanga ammaatti hojjetameenis, baay’inni daawwattoota biyya keessaa fi alaa dabalaa dhufeera kan jedhan Obbo Naggaan bara 2017 daawwattoonni biyya keessaa Miliyoonni 24 ol galmaa’uu kaasan.
Daawwattoonni biyya alaas gara kuma 200 fi kuma 40 ga’uu kaasanii, bara baajetaa kanatti baay’ina daawwattootaa ol guddisuuf qulqullina tajaajia turizimii fooyyeessuun, bu’uuraalee misooma tuurizimii babal’isuu fi hubannaa hawaasni gama kanaan qabu fooyyessuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsan.
Bu’aa damicha irraa argamu caalmaatti guddisuuf kallattii kenname bu’uureffachuun xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamas jedhan.
Milkaa’inni hojii kanaa qindoomina seektaraalee biroo akka gaafatus eeranii, keessumaa qonna, geejjibaa fi loojistikii fi carraa hojii uumuu fi ogummaa waliin hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Dameelee tuurizimii adda addaa irratti Carraan hojii dargaggootaaf uumamaa jirus akka fakkeenyaatti eeran.
Hawaasni, miidiyaaleen, seekteroonni dhuunfaa fi qooda fudhattoonni biroo hojii kana mikeessuuf tumsa irraa eegamu akka ba’anis dhaaman.
Aadaa keessummaa simachuu qabanu tajaajila qulqulluu fi hawwataa ta’e daawwattootaaf dhiyeessuun hojiin argisiisuun akka barbaachisus hubachiisan.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia
 
			 
				