Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinni barnootaa imaammata mootummaa qofaan hin deebi’u – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Qulqullinni barnootaa imaammata mootummaa qofaan kan deebi’u osoo hin taane gahee qaama hundaa gaafata jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dhimmi Seenessa waloo miidiyaalee dabalatee carraalee jiraniin hundaan dubbatamus barsiisonni dhaabbilee barnootaa keessatti dhaloota sirnaan hubachiisuutu irraa eegama jedhan.

Akkasumas oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf qonnan bulaa barsiisuu fi hubachiisuurrattis hojjechuu akka qaban gaafatan.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii mul’atan waloon qolachuun danda’amnaan gaaffii barsiisotaa deebisuun ni danda’ama jedhan.

Dhimmoonni kunneen mootummaa qofaan hiikamuu akka hin dandeenye hubatamuun waloon hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.

Itiyoophiyaan biyya idaa hedduu qabdu ta’uu beekuun, jijjiiramuuf halkanii fi guyyaa beekumsaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Mootummaan rakkoolee jiran furuuf karra isaa mariif banaa gochuu dubbachuun, kunis akka milkaa’u barsiisonni qooda isaanii bahachuu akka qaban hubachiisan.

Barsiisaan abbaa dhalootaa fi madda beekumsaa ta’uu hubachuu qaba jedhan.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.