Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan guyyaa injifannoo 80ffaa kabajaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 1, 2017 (FMC) -Raashiyaan Waraana Addunyaa 2ffaan guyyaa yaadannoo weerara humna Naazii itti injifatte waggaa 80ffaa qophiilee garaagaraan Mooskootti kabajaa jiraachuun ibsame.
Guyyaan Injifannoo kun Addaabaabyii Mooskootti agarsiisa Loltummaa fi wareegama waraanichaa yaadachuun kabajamuu eegaleera.
Loltoonni kumaan lakkaa’aman akkasumas Konkolaatonni Loltummaa Addabaabaayitti hiriira Loltummaa ni gaggeessuu jedhameera.
Dabalatanis lammiileen Raashiyaa Suuraa firroottan wareegamanii qabachuun gara Addabaabaayitti ba’uun guyyicha ni kabajuus jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.