Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa goota, jabaafi gahumsa qabu dirqama kamiifuu qophii ta’e ijaarreerra- Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Guraandhala 15 , 2018 (FMC) – Raayyaa goota, jabaafi gahumsa qabu dirqama kamiifuu qophii ta’e ijaarreerra jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Kabajni Ayyaana hundeeffama Waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti kabajameera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan saganticharrtti ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan waggoottan darban waraana bakka bu’ummaa keessaafi alaan irratti aggaamame haala guutuu ta’een qolachuun injifannoo boonsaa galmeessisteetti jedhan.

Jijjiiramaan booda ga’umsi raawwachiisummaa Raayyaa Ittisaa gama maraan guddachuu kaasanii, humnoota jijjiiramicha gufachiisuuf tattaafatan dhabamsiisuun cinaatti hojiin Raayyaa Ittisaa akka dhaabbataatti jijjiiruu hojjetamuu ibsan.

Raayyaan Ittisaa raayyaa hin qindaa’iin qabachuun waraana Kaabaa haala dinqisiisaa ta’een injifannoon keessa ba’uu yaadachiisaniiru.

Raayyichi waggoottan darban waraana gaggeessaa kan ijaarame ta’uu eeruun, tiyooriin qofa osoo hin taane waraanaan leenji’uu dubbatan.

Ajajni Duula Addaa loogii sabaafi siyaasaa irraa bilisa ta’uu ibsuun, ajajichi humna waraanaa Gaardii Rippaabilikaanii uume ta’uus eeraniiru.

Ajajichi baroottaniif injifannoowwan hedduu galmeessisuufi haleellaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatamee ture hordofee waraana tureen ajajichi bu’aalee ajaa’ibsiisoo ta’an galmeessisuu dubbataniiru.

Abeel Nawaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.