Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi nageenya naannawicha eegsisuu ijaarame – Injiinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC)- Jijjiirama biyyaalessaan Raayyaan Kabaja Itiyoophiyaa, faayidaa biyyaalessaa fi nageenya naannawichaa eegsisuu ijaarameera jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.

Dhaabbilee nageenyaa cicimoo fi amansiisoo ijaaruun utubaawwan riifoormii biyyaalessaa keessaa tokko taโ€™uu ibsuun, Raayyaan Ittisa waggoota jijjiiramaa darban keessaa hojiileen riifoormii hedduu taasisuu eeraniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaa kallattii kamiinuu jiraachuu malu qolachuuf Humna Qilleensaa gahoome, Humna Lafoo, meekaaniyizdii, Humna Galaanaraa, Duula Addaa fi humni Saayibarii cimaan ijaaramuu kaasaniiru.

Humna namaan, gurmaaโ€™iinsaa fi teeknooloojjii loltummaan dhaabbanni cimaan ijaaramuu kaasuun, Raayyaan ergama isaa gahuumsaan bahatuufi waraana fagootti qolachuu dandaโ€™amu ijaarameera jedhan Injiinar Ayishaan.

Waggoota jijjiiramaa Raayyaan dandeettii, naamusa, loogummaa kamiiraayyuu bilisa taโ€™uun heera mootummaa fi biirmadummaa biyyaaf dhaabbachuu dandaโ€™u ijaaramuu ibsuu isaanii ENAโ€™n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.