Raayyaan Ittisaa ammayyaa biyyii fi ummanni ittiin boonan ijaarame- Injiinar Ayishaa Mahaammad
Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) –Raayyaan Ittisaa cimaan Teeknooloojii jabanaa hidhate kan biyyii fi ummanni ittiin boonan ijaarameera jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.
Injiinar Ayishaan hojiilee hojjetaman, milkaa’inoota argamanii fi ergama yeroo itti aanuu ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Barii Jijjiirama biyyaalessaa eegalee Raayyaa Ittisaa dabalatee dhaabbileen nageenyaa fi tikaa riifoormii bu’aa qabeessa gaggeessaniiru jedhan.
Loltummaan bakka gootonni itti horataman, birmadummaa biyyaaf gatiin itti kaffalamu ogummaa kabajamaa ta’uu kaasan.
Raayyaa Ittisaa Teeknooloojii ammayyaa hidhatee fi namuusa gaarii goonfate biyyaa fi ummanni ittiin boonu ijaaruun danda’ameera jedhan.
Tooftaan loltummaa idil addunyaa jijjiiramuu kan himan Injiinar Ayishaan, Itiyoophiyaan Raayyaa Ittisaa amansiisaa saaxilamummaa hambisuu danda’u ijaaruu himan.
Raayyaan Ittisaa sabdaneessummaan kan ijaaramee fi birmadummaa biyyaaf waardiyyaa kan ta’e humna jabaadha jedhan.
Haala rakkisaa keessatti dirqama isaa gahumsaan bahachaa gurmaa’insa, hidhannoo, yaadaa fi leenjiin cimee kan bahe Raayyaa ammayyaa ta’eera jedhuun himan.
Humna lafoo, Qilleensaa, Makaanaayizdii, humna Galaanaa, duula addaa fi Saayibarii haleellaa kallattii kamuu qolatu ijaarameera jedhan Injiinar Ayishaan ibsa isaaniin.
#Oromia#Ethiopia