Raayyaan Ittisaa Faayidaa biyyaalessaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophiidha – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC) – Raayyaan Ittisaa Faayidaa biyyaalessaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophummaa qaba jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Manni Barumsaa Qondaaltota waraanaa Huursoo Leenjitoota leenjii koorsii gaggabaaboo fudhatan har’a eebbisiiseera.
Ijoollee gootoota durii waan taataniif biyya tiksuun dhalootaaf dabarsuu qabdu jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan haasawa sirna eebbichaarratti taasisaniin.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa ergama kamiiyyuu ga’umsaan raawwachuuf saayinsii waraanaa fi hidhannoo ammayyaa hidhachuu eeran.
#Oromia #Ethiopia