Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa Kabajq Afrikaati – Pireezidantii Ivaaristee Nidaayishimiyee
Finfinnee, Eebila 1, 2018 (FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuu bira darbee raayyaa kabaja Afrikaa ta’ee dha jedhan Pireezidantiin Rippaabilika Burundii fi Walitti-qabaan Yeroo Gamtaa Afrikaa Ivaaristee Nidaayishimiyee.
Pirezidanti Ivaaristeen daawwannaa hojiitiif Finfinnee kan jiran yoo ta’u, har’a Miiniisteera Ittisa Biyyaa Itoophiyaa daawwataniiru.
Pireezidantichi Miiniistira Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad fi qondaaltota jeneraalotaa olaanoon simannaa waraanaa ho’aan kan simataman yoo ta’u, bu’uraalee mosoomaa Miiniisteerichaa daawwataniiru.
Biyyoota lamaan gidduutti tumsa waraanaa jiru caalaatti cimsuun haala danda’amu irrattis marii gam-lamee geggeessaniiru.
Raayyaan Itoophiyaa birmadummaa biyyaa eeguu bira darbee kabaja Afrikaa ta’uu kan ibsan Pireezidantichi; raayyichi yeroo Burundiin rakkoo nageenyaa keessa turteetti nagaa kabachiisuuf gahee taphateefii wareegama kaffaleef galata dhiyeessaniiru.
Miseensonni raayyaa ittisaa biyyoota lamaanii ergama nagaa kabachiisuu Somaaliyaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa waliin raawwachuu eeranii; Itoophiyaan raayyaa Burundiitiif leenjii fi deeggarsoota adda addaa gochaa turuu ishee ibsaniiru.
Daawwannaan kun tumsa waraanaa biyyoota lamaan gidduu jiru gara sadarkaa olaanaatti kan ceessisu ta’uunis ibsameera.
Injiinar Ayishaa Mahaammad gama isaaniitiin; daawwannaan Pireezidantichaa michummaa jabaa biyyoota lamaanii kan agarsiisudha jedhanii, tumsa jiru caalaatti cimsuu fi muuxannoowwan ogummaa wal-jijjiiruuf carraa murteessaadha ta’uuhubachiisaniiru.
Dhaabbilee ittisaa gidduutti tumsa waraanaa caalaatti guddisuuf, dameewwan indastirii waraanaa fi leenjiiwwan waraanaa waliinii irratti xiyyeeffannaan hojjechuuf qophaa’ummaan jiraachuu mirkaneessaniiru.
Tumsi kun nageenya waloo biyyoota lamaanii mirkaneessuu bira darbee, nageenya naannichaa eeguuf itti gaafatamummaa Ardawaa waliin bahachuuf tarkaanfii murteessaadha ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoo Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijitaaliif erge ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia