Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa furuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC) – Godina Wallagga Bahaatti rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa furuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri Barnootaa Godinichaa ibse.

Ittigaafatamaan waajjirichaa obbo Tuulii Addunyaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti jireenya barsiisotaa jijjiiruu fi faayidaa barsiisotaa eegsisuuf kallattii Mootummaan Naannichaa qabatee hojjechaa jiru bu’uureffachuun akka godinichaatti barsiisota gaaffii mana jireenyaa qabaniif deebii kennuuf karooraan hojjetaa jira.

Barsiisota baadiyyaa jiraataniif manni jireenyaa kan ijaaramu yoo ta’u, warreen magaalaa jiraataniif garuu iddoo mana jireenyaatu kennama jedhan.

Haaluma kanaan bara kana barsiisota kuma 3 ta’aniif lafa mana jireenyaa kennuufi mana jireenya ijaaruuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Hanga ammaattis barsiisota 860f lafti mana jireenyaa kan kenname yoo ta’u, manni jireenya barsiisotaa kuma 2 fi 408 ijaaramuu obbo Tuuliin eraniiru.

Barsiisota aanaa Guutoo Giddaatti lafti mana jireenyaa kennameef 424 keessaas barsiisaa Galaanaa Waaqjiraafi Kabaa Abdiisaa yaada Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif kennaniin mootummaan rakkoo isaanii furuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuuf galateeffataniiru.

Kunis cimanii hojjechuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi dhaloota naamusa qabu horachuuf kutannoon akka hojjetan kan isaan kakaasu ta’uus ibsanii jiru.

Mabiraatee Hundeetu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.