Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo mana jireenyaa waaraan furuuf hojjetamaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018 (FMC) – Rakkoo mana jireenyaa dhiibbaa jireenyaa fidaa jiru furuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Gaaffilee miseensota mana maree irraa dhiyaateef deebii kan kennan Dooktar Abiy, rakkoon mana jireenyaa jireenya guyyaa guyyaa uummataa irratti dhiibbaa guddaa fiduu himan.

Nama humdaaf bakka ijaarsa mana jireenyaa kennuun dadhabamus, mana gatii madaalawaan kireeffamuu danda’u ijaaruun rakkogama kanaan uummata mudataa jiru furuuf pirojeektii guddaan qabameera jedhan.

Rakkoo mana jireenyaa furuun qaala’iinsa jireenyaa fi baasii jireenyaa hir’isuu dha kan jedhan Dooktar Abiy, kanaafis karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Kanaafis manneen jireenyaa miliyoonni 1.6 bijaaramuuf akka karoorfaman dubbatanii, baasii hojichi gaafatu hir’suuf galteewwan barbaachisan akka sibiilaa, simmintoo fi kanneen biroo miijessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Akkaataa barame qofaan utuu hintaane tekinooloojiitti fayyadamuun manneen yeroo gabaabaa keessatti ijaaramanii xumuraman ijaaruun akka barbaachisu ibsan.

Pirojeektiin ijaarsa mana jireenyaa fi pirojeekltota gurguddoo biroo seenaa guddina dinagdee Itiyoophiyaa irratti boqonnaa haaraa kan banan ta’uus himan.

Jijjjiirama seena qabeessa kana galmeessuuf pirojeektota eegalaman kanneen milkeessuu fi lammiileen akka tumsan hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.