Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa jiru furuuf ni hojjetama – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Rakkoo Nageenyaa jiru waaraan furuuf ni hojjetama jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Mootummaan Nageenyaa waareessuuf hojjechaa jiraachuu kan himan obbo Awwaaluun,ammas harki nagaaf diriiree hin dachaane filannoowwaan gara gara fayyadamuun dursa nageenyaaf hojiin jalqabame cimee itti fufa jedhan.

Taanzaaniyaa hanga Bosona Gidaamiitti nageenyaaf jechaa carraaqaa turuu kan kaasan,ammas akkuma ummatni waanjoo baachuun daanditti bahe, Mootummaanis nagaaf kara banuun yeroo gabaabaa keessatti yaaddoon jiru furmaata argata jedhan.

Nageenyi Utubaa waa hundaati jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Kaffaalloo Tafarraan.

Qaamoleen hawaasaas nageenyi akka waara’u gahee irraa eegamu ba’achuu akka qaban waamicha dhiyeessan.

Namoonni kumni 14 ol waamicha nagaa kabajuun galan leenjii fudhachuun gara hojiitti galaa jiraachuu eeran.

Yakki bu’uuraalee Misoomaa irratti raawwatamu dhaabbachuu akka qabus akeekkachiisaniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.