Rakkoolee biyya keessa furmaata biyya keessaan furuuf sochiin eegalame cimee itti fufa -Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC )- Rakkoolee biyya keessa furmaata man-dhaleen furuuf sochiin eegalame cimee kan itti fufuu ta’u Sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Ijaarsa Sirna Dimookraasii obbo Adam Faaraan ibsan.
Itiyoophiyaan lafa bal’aa fi humna namaa qabdu walitti qindeessitee fayyadamuu dhabuun gargaaramtummaaf saaxilamuu obbo Adam dubbataniiru.
kana furuufis waggoottan darban riifoormiiwwan biyya keessaa hojiirra olchuun nyaataan of danda’uuf hojiin hojjetamaa jiru bu’aa qabatamaa fidaa jira jedhaniiru.
Kana males, yaad rimeen ce’umsi sirna nyaataa rakkoo walxaxaa biyyaattii qunnamaa jiruuf furmaata akka ta’e eeraniiru.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan hojjechuunis bu’aa argamsisaa jiraachuu himaniiru.
Kanumaan walqabatee sagantaa Maaddii Guutuun raabsii cuucii guyyaa 1 duraan miiliyoona 26 irra hin darbine ji’oottan 10’n darban keessa gara miiliyoona 100tti guddachuu himaniiru.
Sadarkaa itti aanaa pireezidantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan kilaastara baadiyyaa obbo Addisuu Araggaan, sagantaa waadaa saqoxaan aanaalee 102tti hojirra ooluu ibsuun, bara 2018tti immoo aanaalee 57 tti hojirra kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Kana malees humna ofiin of danda’uuf hojiiwwan bara 2014 eegalamee hojjaetamaa jiran bu’aa qabatamaa fidaa jirachuu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.