Fana: At a Speed of Life!

Reeffa Hajii Muftii Umar Idiriisiif Galma Barkumeetti sirni gaggeessaa raawwatamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Reeffa Pireezidaantii duraanii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriisiif Galma Barkumeetti sirni gaggeessaa raawwatamaa jira.

Hoggantoonni Olaanoon Mootummaa, Ulaamoonni, Daraasonni, Ustaazonni, Abbootiin Amantaalee biroo fi maatiin isaanii saganticharratti argamaniiru.

Hajii Muftii Umar Idiriis waggoota 50 darban Magaalaa Finfinneetti Qura’aana yeroo 300 ol hiikuun barsiisaniiru.

Bara 1967 wayita Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hundaa’u miseensaa fi dura taa’aa mana marichaa turan.

Bara 2010 hanga bara 2014tti Pireezidaantii mana marichaa, akkasumas eegaa olaanaa Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Hajii Muftii Umar Idiriis dhaloota biyya jaalatu horachuu fi aadaa Itiyoophiyaa beeksisuu keessatti nama qooda olaanaa bahataa turaniidha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.