Fana: At a Speed of Life!

Riifoormiin dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii Poolisiin ergama isaa akka bahatu dandeessiseera

Finfinnee, Caamsaa 21, 2017(FMC)- Komishinarri Jenereelaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el riifoormiin dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii Poolisiin ergama biyyaalessaa isaa gahumsaan akka bahatu dandeessiseera jedhan.

Komishinarri Jenereelaa Dammallaash Gabramikaa’el dhimmoota yeroo ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, jijjiirama biyyaalessaa asitti dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii keessatti hojiileen riifoormii hedduun hojjetamuufi jijjiiramni poolisiin federaalaa ergama isaa gahumsaan akka bahatu dandeessisu taasifameera.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Raayyaa Ittisa bIyyaafi dhaabbilee nageenyaa biroo waliin ta’uun nageenyaafi tasgabbii biyyaa karaa bu’aa qabeessa ta’een akka eegamu taasisaa jira jedhan.

Komishinichi yeroo ammaa humna namaa gahoomeen, hidhannoon akkasumas teeknooloojiin gahumsa olaanaarra akka jiru himaniiru.

Kunis komishinichi ergama yakka ittisuufi qorachuu gahumsaan akka bahatufi nageenyiifi tasgabbiin uummataa akka mirkanaa’u taasisuu kaasaniiru.

Qajeeltoo “Poolisiin gootummaan eeguu namoomaan tajaajiluu” jedhuun  dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa 600 ol gootummaan eeguun nageenyummaa isaanii mirkaneessaa jira jedhan.

Hojiilee nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaarratti keessumaa naannolee Oromiyaafi Amaaraatti garee shororkeessaa Shaneefi garee finxaalessaa irratti qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachuun hojii hiika qabu hojjechuu hubachiisaniiru.

Haaluma Kanaan iddoowwan hedduutti nageenyaafi tasgabbiin fooyyee qabu jiraachuu, qaamoleen hidhatanis karaa nagaan harka kennaa jiraachuufi leenjii haaromsaa fudhachuun gara hawaasaatti akka makaman taasifamaa jiru jedhan.

Karoora jeequmsaa biyyarratti aggaamaman dursee fashaleessuu danda’uufi dhimma kanaan walqabatees shakkamtoota 972 to’annaa jala oolchuun dhimmi isaanii seeraan ilaalamee murtoo argachaa jiraachuu kaasaniiru.

Akka ibsa Komishinara Jenereelaa Dammallaash Gabramikaa’elitti, namoonni dhuunfaa daddabarsa namootaa seeraan alaa irratti hirmaatan 29 seeraan gaafatamaniiru.

To’annoo Koontiroobaandiinis baatiiwwan saglan darbanitti meeshaaleen Birrii biiliyoona 15 fi miiliyoona 600’tti tilmaamaman to’atamaniiru.

Hojii yakka Malaanmaltummaa ittisuufi qabenya biyyaa baraaruun itti gaafatamummaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Hojii yakka waliin dhahuu teeknooloojiin deeggarame ittisuufi to’achuu cimsuun baankotaafi Itiyoo-Teelekoom waliin ta’uun hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamaniiru jedhan.

Adeemsa Kanaan namoota yakka hojjetan 80 to’achuuniifi lakkoobsota herrega baankii 500 akka hin sochoone gochuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuus kaasaniiru.

Komishinichi applikeeshinii hawaasni eeruu  ittiin kennu  hojiirra oolchuun hojii qindoominaa cimsaa jiras jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.