Fana: At a Speed of Life!

Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti duulli Talaallii Vaayirasii Iboolaa eegalame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti duula Talaallii Ittisa Vaayirasii Iboolaa eegalchiise.

Biyyattiitti facaatiin dhibee Iboolaa babal’achuu hordofee duulli talaallii kun eegalamu hime.

Vaayirasiin Iboolaa waggaa sadi booda Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti irra deebiin kan mul’ate yoo ta’uu, jalqaba Baatii Fulbaana kanaa keessa saffisaan tatamsa’uutu eerame.

Namoonni 32 dhibichaan qabamuu fi namoonni 16 ammoo lubbuun darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ogeeyyii fi qorichaalee gara Magaalaa Kinshaasaatti erguun duula Talaallii ittisa dhibichaa har’a eegalchiisuu ‘African News’ gabaaseera.

Miikiyaas Ayyalaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.