Fana: At a Speed of Life!

Rogeeyyiin hawaasaa fi dhiibbaa uumtoonni maree biyyaalessaa keessatti qooda isaanii bahuu qabu

Finfinnee, Caamsaa 21, 2017 (FMC) – Waltajjiin Ajandaa walitti qabuu dhaabbilee Federaalaa, Waldaalee, Rogeeyyii hawaasaa fi dhiibbaa uumtoota hirmaachise eegalameera.

Waldhabdee Itiyoophiyaa keessatti mul’atu furuun karaa beekumsarratti hundaa’een ta’uu dhabuun biyyattii gatii guddaa kaffalchiiseera jedhan Komishinarri Maree Biyyaalessaa Zagayyee Asfaaw.

Akka biyyaatti dhimmoonni irratti walii hingalamne bal’aatu jira kan jedhan Komishinar Zagayyeen waliigaltee dhabuun tokkummaa fi waloon hojjetannee hiyyummaa keessaa akka hin bane gufuu ta’eera jedhan.

Rogeeyyiin hawaasaa fi dhiibbaa uumtoonni milkaa’ina marichaaf qooda isaanii akka bahan hubachiisaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.