Fana: At a Speed of Life!

Rooba arfaasaatti sirnaan fayyadamuu barbaachisa – Inistiitiyuuticha

Finfinnee Caamsaa 5, 2017 (FMC) – Rooba yeroo arfaasaa baatii xumuraa jijijjiiramaa roobaa jirutti sirnaan kuusuun fayidaa irra oolchuu akka barbaachisu Instiitiyuutiin Meetiyoorooloojii itiyoophiyaa hubachiise.
Instiitiyuutichatti, Daayireektarri itti aanaan Damee Raaga Qileensaa Dooktar Asaamminaw Tashoomaa Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, baatiiwwan sadan darbanitti kutaaleen biyyattii rooba arfaasaa argatanitti roobni idilee fi idileen allaa roobaa tureera.
Rooba waggaatti argatan keessaa %55 yeroo arfaasaa kan argatan Kutaan Kibba Naannoo Somaalee, godinaaleen gujii fi Booranaa, Naannooleen Kibbaa Lixaa Itiyoophiyaa, Sidaamaa fi Kibba Itiyoophiyaa , akkasumas bakkeewwan waqtiin arfaasaa yeroo roobaa isaanii 2ffaa ta’etti hammi roobaa hanga Milii Meetira 350 galmaa’uu ibsaniiru.
Walga’iinsi fi hammi roobaa baatiiwwan sadan darbanii hojiiwwan qonnaa arfaasaaf, bishaan dhugaatii namaa fi beelladaaf, akkasumas dhiyeessa nyaata beelladootaaf baay’ee batbaachisaa akka tures eeraniiru.
Rooba arfaasaaf haalli miijataan waan jiruuf saa’a 24 keessatti bakkewwan 126tti roobni cimaan miliimeetirri 30 hanga 120 galmaa’eeras jedhan.
Baatii Caamsaa Waqtii Arfaasaa kan dhumaa kana keessa kutaalee biyyattii Kibbaa fi Kibba Lixa itiyoophiyaatti duumessi fooyya’aan akka jiraatu kaasanii, kutaalee Baha Biyyattii, godinaalee Kibba Oromiyaa, Naannoo Sidaamaa fi bakkeewwan Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti hammi fi walga’iinsio roobaa fooyya’aa ta’e akka jiraatus dubbataniiru.
Haalli roobaa kunis dandeettiin bishaan qbachuu misooma sululaa fooyya’aan akka jiraatu gochuun hojiiwwan misooma qonnaa fi mosooma sululaaf kan fayyadu ta’uu eeraniiru.
Hammii fi walga’iinsi roobaa kun jijijjiiramaa waan dhufuuf rooba argame kuusuun sirnaan itti fayyadamuun  akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Haalli roobaa kuinis wal hormaata bookee busaaf haala waan miijesssuuf hawaasni naannoo isaa qulqulleessuu fi bishaan kuufamaa dhangalaasuu akka qabu dhaamaniiru.
Yoonaas Geetinnat’tu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.