Roobart Fraansiis Pirevost lammii Ameerikaa jalqabaa Dursaa Phaaphaasotaa Kaatolikii ta’uun filataman
Roobart Fraansiis Pirevost lammii Ameerikaa jalqabaa Dursaa Phaaphaasotaa Kaatolikii ta’uun filataman
Finfinnee, Ebla 30, 2017 (FMC) -Lammiin Ameeeikaa Roobarti Firaansiis pirevost boqochuu dursaa phaaphaasotaa duraanii Firaansiis hordofee, dursaa Phaaphaasotaa Kaatolikii ta’uun filatamaniiru.
Sirna filannoo guyyaa lamaaf ture xumuramuu kan argisiisu aarri adiin mana qulqullummaa Bataskaana guddicha Vaatikaan jiru keessaa ba’uu hordofee amantoonni hedduun achitti walitti qabamuun eegaa turaniiru.
Haaluma kanaan phaaphaasichi lammii Ameerikaa yeeroo jalqabaaf dursaa Phaaphaasiotaa Vaatikaan ta’uun filatamaniiru.
“ABC News” fi miidiyaaleen idil addunyaa akka gabaasaa jiranitti, hordoftoonni amantichaa eenyummaa dursaa Phaaphaasichaa eegaa turan sirni beeksisuu akkuma geggeeffameen gammachuu isaanii ibsataa jiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.
#Oromia #Ethiopia