Fana: At a Speed of Life!

Saaxilamummaa lolaa hir’isuuf hojjechaan jira – Bulchiinsa Magaalaa Asallaa

Finfinnee, Waxabajjii 05, 2017 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Asallaa gandoonni aanaa Xiyyoo naannawa magaalattii jiran lolaan akka hinmiidhamneef hojjechaan jira jedhe.

Jiraartonni gandoota aanaa Xiyyoo gar-tokkoon magaalattii jala galan lolaan magaalattii irraa ba’u miidhaa nurraan ga’aa jiraan komatan.

Warreen komii isaanii karaa toora ergaa gabaabaa 8222n FMCtti ibsan akka jedhanitti, lolaan gaarren irraa ka’ee magaalattii qaxxaamuru  bo’oo lolaa caccabsuun manaa fi qabeenya isaanii irraan miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Sababa kanaan namaa fi beelladoonni bishaaniin fudhatamnillee jiru.

Utubaawwan ibsaa humna guddaa qabu baatanis lolaa kanaan miidhamanii jigaa jiru.

Kun ammoo balaa elektirikaa nurratti uumaan yaaddoo itti ta’eera.

Dhimmi kun akka isaanii sirratuuf qaamman dhimmi ilaallatutti irra deddeebiin iyyatanillee, hanga ammaatti furmaata hin arganne.

Itti gaafatamaan waajjira Daandii fi Loojistiksii aanaa Xiyyoo obbo Tafarii Tolaa dhimma kana ilaalchisee yaada kennaniin,  bo’oowwan lolaa fi daandiiwwan sababa kanaan caccaban suphuuf akka aanaatti bajetni waan hinqabamneef, Bulchiinsi Magaalaa Asallaa akka sirreessuuf xalayaan gaafannee deebii eeggachaa jirra jedhan.

kantiibaan magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggaayee gama isaaniin gandoota kanneen keessaa hangi tokko magaalaa jala yoo galanillee, walharkaa fuudhinsi waan hin geggeeffaminiif bu’uuraalee misoomaa guutuun akka danqaa itti uume ibsan.

Rakkoo kana furuuf aanaa Xiyyoo wajjin akka hojjetanis hubachiisaniiru.

Naannoo amma rakkoon kun itti uumame qofa utuu hintaane, gandootni baadiyyaa aanaa Xiyyoo naannawa magaalattii jiraatan lolaaf akka hinsaxilamneef hojiiwwan eegalle cimsinee itti fufnas jedhan.

Maartaa Geetaachoo tu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.