Sababa haala qilleensaan balalliiwwan biyya keessaa murtaa’an ni haqamu – Daandii Qilleensichaa
Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Sababa haala qilleensaan balalliiwwan biyya keessaa kutaalee biyyattii garaagaraatti taasifamuuf turan kanneen murtaa’an ni haqamu jedhe Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa.
Hurrii fi haalli qilleensaa balalliif mijataa hin taane mudachuu hordofee balalliiwwan biyya keessaa murtaa’an kan haqaman ta’uu beeksiseera.
Haalli kunis guyyoota muraasaaf kan itti fufuudha jedhe.
Sababa kanaan hanga haalli mijataan balalliif ta’uu uumamutti maamiltoonni obsaan akka eegatanii fi filannoo imalaa biroo akka fayyadaman gaafateera.
Wayita balallii eegaluuf haalli mijataan uumame maamiltoota isaaf kan beeksisu ta’uu eeruun, dhamaatii sababa kanaan maamiltootarra qaqqabeef dhiifama gaafateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.