Fana: At a Speed of Life!

Sababa waraqaa eenyummaa Faayidaa “PDF” n buusuun fayyadamuun yeroof adda citeef …

Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) –  Waraqaa eenyummaa Faayidaa “PDF”n buusuun fayyadamuun yeroof adda cite jedhe Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa.

Sababni isaas:-

1. Manneen Interneetii fi maxxansaa naannawaa tokko tokkotti argaman kaardiwwan qulqullina hin qabneen maxxansaa jiraachuu,

2.Ragaa nama dhuunfaa sirrii hin taane footoo shooppin hojjechuun hojiileen hawaasa waliindhahuu bal’inaan mul’achuu,

3. Hawaasa magaalarraa fagoo jiran kanneen hubannoo gahaa hin qabneef kaardii qulqullin hin qabneen maxxansuun gowwomsuu, maallaqa hin malle kanfalchiisurra darbee tajaajila barbaadamu akka hin arganne gochuu,

Kanaaf lammiileen filannoowwan E- Faayidaa wayita barbaadan appiikeeshinii “Fayda ID” buufachuun haala salphaa ta’een argachuu akkaa danda’an Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.