Fana: At a Speed of Life!

Sabboonummaan barnoota, teeknooloojiifi misoomaan dhugoomuu qaba – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC)- Sabboonummaan barnoota, teeknooloojiifi misoomaan dhugoomuu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Sirna jalqabsiisa buufata xiyyaaraa shaakkisoo irratti haasawaa taasisan, gaaffii misoomaa hawaasni qabu karooraan qaamolee hunda hirmaachisuun guutaa akka deeman ibsaniiru.

Buufanni xiyyaaraa shaakkisoo har’a eegale kun Fulbaana dhufu xumuramee tajaajila kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Buufanni xiyyaaraa kun Godina Gujii Giddu gala sosochii diinagdee taasisuu keessatti qooda guddaa kan qabu ta’uu himan.

Godinni Gujii irrisaa warqee gurraacha Buna, keessi isaa warqeedha, uummanni isaas warqee waan ta’eef qabeenya abbootii keenyarraa dhaalle kana kununsuun tursuun barbaachisaadah jedhan.

Misoomni itti fayyadama, uummata dhugoomsuu waan ta’eef uummanni Gujii misooma Bunaa, Muuzii, Avokaadoo fi kanneen biroo hojjetee qusachuun gara investimentiitti ce’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Jijjiirama dura Oromiyaa keessa buufanni xiyyaaraa Magaalaa Jimmaa qofti turuu ibsuun, yeroo ammaa kana garuu Oromiyaa keessa Buufanni xiyyaaraa Dambi Doolloo, Naqamtee, yaabelloofi Roobee tajaajila kennaa kan jiruufi yeroo dhiyootti ammoo buufanni Xiyyaaraa Mattuu, Nageelleefi shaakkisoo hojii kan eegalu ta’uu dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.