Fana: At a Speed of Life!

Saffisni, kalaqni, baay’innii fi qulqullinni badhaadhina Itiyoophiyaaf murteessoodha – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC) – Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf daandiwwan Saffisaa, kalaqaa, baay’inaa fi qulqullinaa hordofa jedhan Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisan.

Dhimmoonni badhaadhina Itiyoophiyaaf murteessoo ta’an kunneen waliin malee qofaa isaaniitti hojiitti hiikamuu hin danda’an jedhan.

Misooma Koriidarii dabalatee piroojektoonni garaagaraa saffisaa fi qulqullinaan hojjetamanii xumuramaan agarsiiftuu ta’uu eeran.

Damee hundaan waan haaraa kalaquun oomishtummaa guddisuun murteess ta’uu dubbatan Dooktar Biqilaan.

Ofirra darbee oomishaalee gabaa alaaf dhiyaatan baay’inaan oomishuun dirqama ta’uu himan.

Eeggattummaa rooba gannaa jalaa bahuun bonaa ganna oomishuun aadeffamaa dhufuu ibsan.

Akkasuma Damee dijitaalaan yeroo tokkotti koodaroota miiliyoona 5 leenjisuun bu’aan argames daandii kana kan agarsiisu ta’uu eeran.

Hojiileen hojjetamanii fi oomishaaleen oomishaman kamiiyyuu akkaataa qulqullina isaa eeggateen ta’uu qaba jedhan.

Waliigalaan badhaadhinni Itiyoophiyaa mirkanaa’uu kan danda’u saffisaa fi kalaqaan deeggaramee baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun yoo danda’ame qofa jechuu dubbatan.

Soosinnaa Alamaayehuutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.