Sagantaa Ashaaraa Magariisaa itti aanuun misoomni avokaadoo xiyyeeffannaan hojjetama – Addisuu Araggaa
Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa itti aanuun hojii misooma avokaadoof xiyyeeffannaan kennamee hojjetama jedhan Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa
Sagantaan Misooma Avookaadoo Biyyaalessaa waggaa 15f turuu guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti eegalchiifameera.
Ministirichi saganticha irratti akka dubbatanitti, sagantaan misoomaa biyyaalessaa kun xiyyeeffannaan isaa oomishaa fi oomishtummaa avokaadoo guuddisuu yoo ta’u, baajetni birrii biliyoona 38.57 ramadameeraaf.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad misooma Ashaaraa Magariisaa itti aanuun akkaataa miijannaa naannooleetiin biqiloota nyaataaf oolaniif xiyyeeffannaan akka kennamu kallattii kennuu isaaniis yaadachiisaniiru.
Sagantaan Misooma Avokaadoo kun kallattiima kana bu’uureffatee eegalamuu kaasanii, sagantichi akka milkaa’uuf caasaan sadarkaan jiru beekumsaa fi waldubbisuun hordoffii cimaa gochuun hojiirra oolchuu akka qabu hubachisaniiru.
Kanaanis lafti avokaadoon misoome heektaara kuma 100 irraa gara kuma 100 fi kuma 91tti akka guddatu fi oomisha hektaaraan toonii 13 ture gara toonii 24tti akka guddisu eeraniiru.
Oomisni avokaadoo kan waggaas toonii kuma 400 irraa gara toonii miliyoona 3.8tti olguddata jedhan.
Qisaasama oomishaan boodaa hir’isuu fi qulqullina eegsisuun, gabaa keessaa fi alaa fooyyeessuu, cancala sona avokaadoo keessatti humna qorannoo, leenjii fi ekisteenshinii guddisuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamas jedhan.
sagantaa kanaan qonnaanbultoota qaiyyee xixiqqaa miliyoonni sadii kan fayyadaman yoo at’u, guutummaatti hojiirra yoo oolu Itiyoophiyaan biyyoota adda duree avokaadoo alatti ergan keessaa tokko taati.
Haayila Maariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia