Sagantaa ashaaraa magariisaan magaalonni Itiyoophiyaa jijjiiramaa fi miidhagaa jiru
Keessattuu biqiltuuwwanii dhabamanii fi bakkeewwan bashannanaa ummataan misoomaan miidhagina magaaloota dabalaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee ibseera.
Iddooleen kana dura ijaarsawwaniin guutamanii turan yeroo ammaa bakka jireenyaa hawwataatti jijjiiramaniiru.
Iddooleen magariisummaa kunneen madaala naannawaa eeguu fi sona lubbu qabeeyyii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban yoo ta’u, hawaasa fayya qabeessaa fi ga’umsa qabu ijaaruuf shoora qabu jedhe waajjirichi.
Bashannanaaf, hariiroo hawaasummaa fi sosochii qaamaaf haala mijataa uumuun walitti dhufeenya hawaasummaa kan cimsan yoo ta’u, kunis mootummaan misooma waaraa fi namarratti xiyyeeffataniif murannoo qabaachuu agarsiiftuu ta’uu eere.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.