Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa jiruufi jireenya lammiilee irratti bu’aa qabatamaa fidaa jiru…

Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC) – Sagantaan Maaddii Guutuu inisheetiiviiwwan jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruuf hojiirra oolan keessaa tokko.

Sagantaan kun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi lammiileen nyaataan akka of danda’an gochuu keessattis qooda olaanaa qaba.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad akka biyyaatti sagantaa kana bara 2015 kan eegalchiisan yoo ta’u, bara sana irraa eegalee oomishaafi oomishtummaa guddisuun milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jira.

Sagantichi oomisha Aannanii, Killee, Dammaa, Horsiisa Lukkuu, Qurxummii fi kanneen biroo guddisuurratti xiyyeeffata.

Maaddii Guutuun fedhii dhiyeessii oomishaalee qonnaa magaalonni qaban guutuu keessattis qoodni bahachaa jiru laayyootti ilaalamu miti.

Keessattuu oomishaafi oomishtummaa aannanii, kuduraalee fi muduraalee, horsiisaa lukkuu fi killee guddisuun qaala’iinsa gatii mudachuu malu tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa bahateera.

Dabalataan sagantaan kun lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun diinagdeen akka of danda’an taasisaas jira.

Sagantaa Kanaan lammiileen iddoo xiqqoo qabanirratti kuduraafi muduraa, horsiisa lukkuufi loonii akkasumas oomisha dammaa irratti bobba’uun of danda’uurra darbanii hawaasa naannoo isaanii fayyaduu danda’aniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.