Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa aadaa jijjiirama ilaalchaa fi jireenyaa ta’aa dhufeera –Amb.Reedwaan Huseen

Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) –Sagantaan Ashaaraa Magariisaa aadaa jijjiirama ilaalchaa fi jireenyaa ta’aa dhufeera jedhan Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Hoggantootaa fi hojjettoota Tajaajilichaa waliin ta’uun biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan akka jedhanitti, Dhaabbatichi sagantaalee dhaabbii biqiltuu gaggeeffamaa turanirratti hirmaannaa olaanaa taasisaa tureera.

Sagantichaaf qophiin bal’aan taasifamuu dubbataniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa roobni madaalawaa ta’ee akka jiraatuuf, uumama waliin waliigaluu fi nyaatan of danda’uuf kan deeggaru ta’uus himaniiru.

Lammiilen adeemsa keessaa sagantaa Ashaaraa magariisaa aadaa taasifachuun jijjiirama ilaalchaafi jireenyaa kan fide ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.