Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan faarfannaa Kumaa kitilaa gaggeeffame Finfinnee bifa addaan kan miidhakseedha – Kantibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) –Sagantaan faarfannaa Kumaa kitilaa 3ffaan magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame Finfinnee haalaan kan miidhakseedha jedhan Kantibaan Magaalichaa Adaanech Abeebeen.

Sagantaa daran hawwataa fi raajii ta’uu ibsan.

Guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun sagantaan faarfannaa Kumaa kitilaa 3ffaan Mana Amantii Kiristaanaa Ortodoksii waloomaan gaggeeffame kun dinqii fi magaalichaaf faaya addaa kan ture ta’uu eeran fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Hordoftoonni amantaa kiristaanaa Ortodoksii waloomaa Itiyoophiyaa lakkoofsan hedduu ta’an saganticharratti hirmaataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.