Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa Magaalaa Finfinnee gaggeeffame xumurame – Poolisii
Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Sagantaan Ifxaraa guddaan daandirraa marsaa 6ffaan Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame milkiin xumure jedhe Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee.
Durreewwan Amantaa, Hoggantoonni mootummaa, Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonnii fi hordoftoonni Amnataa Islaamaa saganticharratti argamaniiru.
Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan,Baatii Ramadaanaa keessa harka qalleeyyii, godaantotaa fi namoota rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Sagantichi milkiin xumuramuun daandileen cufamanii turan tajaajila Tiraafikaaf banaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.
Sagantaan mata duree ‘Najjaashii Biyyaaf’ jedhuun gaggeeffame kun milkiin akka xumuramu qaamolee qooda qaban hunda galateeffateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.