Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan kadhannaa Kamisaa Mana Amantaa kaatolikii Itiyoophiyaatti geggeeffamaa jira

Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC)- Sirna amantaa hordofuun sagantaan kadhannaa Kamisa Mana Kiristaanaa Kaatolikii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.

Sagantaa sirna amantaa adda addaatiin Mana Kiristaanaa Lidataa Maariyaam keessatti gaggeeffamaa jiru kana irratti Angafa Phaaphaasota mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Qulqulluu Kaardinaal Biraana-Yeesuus dabalate abbootiin fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru.

Qulqulluu Kaardinaal Biraana – Yesuus yeroo Kana, Yesuus gadi jedhee miila bartoota isaa dhiquun hafuura garraamummaa kan ittiin barsiise hordofuun miila amantootaa diiqaniiru.

Kamisni Kadhannaa kan rakkatan kan itti gargaaraman, kan dhibaman kan itti gaafataman, akkasumas guyyaa garraamummaafi jaalalaa ta’uu ibsanii, hojii gaarii kana gara jireenya keenya guyyaa guyyaatti fiduun lammiilee keenya waliin wal gargaaruun jiraachuu barbaachisa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.