Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha taasisaa jira
Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC) – Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.
Sosochiin misooma beelladaa fi biqiltuu nyaata horii dhaabuu har’a naannoo Sidaamaatti gaggeeffameera.
Sagantaan Maaddii Guutuu waggoottan sadan darban sadarkaa biyyaatti hojiirra oole bu’aa olaanaa galmeessuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaan saganticharratti ibsaniiru.
Sagantichi birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gumachaa olaanaa bahachaa jiraachuu himan.
Damichi lammiileef hedduu carraa hojii uumuu eeran.
Sanyii beelladoota miiliyoona 5 fooyyessuu fi Killee biiliyoona 12 oomishuuf hojjetamaa jiraachuu kan dubbatan Dooktar Fiqiruun, oomisha Qurxummii fi dammaanis hojiilee bal’an hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.
Hojiin Maaddii Guutuu naannoo Sidaamaatti hojjetame sadarkaa biyyaatti fakkeenya kan ta’uudha jedhan.
Bu’aa argame itti fufsiisuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisan
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.