Sagantaan Simannaa keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa eegalame
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC)- Sagantaan Simannaa keesummoota Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaa fi Walga’ii 46ffaa Hoji Raawwachiiftuu Gamtichaa, Walitti Qabduu Koree Biyyaalessaa fi Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon eegalchiifameera.
Sagantichi agarsiisa garaagaraan eegalameera.
Guyyaa har’aas walga’ii Hoji Raawwachiiftuu gamtichaarratti kan hirmaatan biyyoota Afrikaa garaagaraarraa Ministiroonni Dhimma Alaa fi kanneen biroon Finfinnee galuu eegalaniiru.
#Oromia #Ethiopia