Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan yaadannoon waggaa 20ffaa Looreet Tsaggaayee Gabiramadin geggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC)- Sagantaan yaadannoon waggaa 20ffaa Looreet Tsaggaayee Gabiramadin magaalaa Ambootti geggeeffamee jira.

Sagantaa yaadannoo kana Ministeera Aadaa fi Ispoortiitu Yuuniivarsiitii Amboo waliin ta’uun qopheesse.

Ministirri Deetaan Ministeerichaa Nabiyyuu Baayyee, fuulduraaf hojiiwwan Looreticha caalmaatti yaadachuuf gargaaran ni hojjetamu jedhan.

Looreet Tsaggaayee Gabiramadin erga dhabnee waggoonni 20’n lakkaa’aamanis, gumaacha aartii Itiyoophiyaaf gumaacheen har’as ni jiraata jedhan.

Sagantaan yaadannoo kun yaadchuu qofaaf utuu hintaane, bu’aa aartii fi ashaaraa gaarii Looreetichaa dhaloota haaraatti dabarsuu kan kaayyeffate ta’uu kaasaniiru.

Ogeeyyiin aartii angafoonnii fi dargaggoon saganticha irratti hirmaatan Yuuniivarsiitii Ambootti giddugala maqaa Looreet Tsaggaayee Gabiramadiniin moggaafame fi hojiiwwan misoomaa magaalattii daawwataniiru.

Barreessaafi waloon Tsaggaayee Gabiramadin Muummeen Tiyaatiraa Yuuniivarsiitii Finfinneetti akka hundaa’u gochuu, tiyaatiroota 20 0l, waloo fi barreeffamoota adda addaa barreessuun damee og-aartii Itiyoophiyaaf ga’ee olaanaa taphataniiru.

Sisaay Haayileetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.