Samaraatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 22 darbe
Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Naannoo Afaar magaalaa Samaraatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 22 darbe.
Balichi har’a barii naannawaa sa’aatii 11:00 kan mudate yoo ta’u, konkolaataan fe’umsaa walharkisu godaantoota fe’e imalaa ture addabaabayii magaalaa Samaraatti kufee garagaluun miidhaa kana qaqqabsiitu ibsame.
Godaantoonni kunneen faddaaltoota seeraan alaa gowwoomfamanii karaa seeraan alaa gara alaatti bahuuf wayita imalarra jiran miidhamuu isaanii Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Afaar obbo Mahaammad Alii Bii’idoon Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Hanga ammaatti lubbuun namoota 22 darbuu kan mirkanaa’e yoo ta’u, lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu danda’a jedhan.
Dabalataan namoota 30 miidhaa cimaa fi namoota 35 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu himaniiru.
Dargaggoonni faddaaltoota seeraan alaan gowwomfamuurraa akka of qusatan obbo Mahaammadi yaadachiisaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.