Fana: At a Speed of Life!

Sanyiiwwan teeknooloojiin fooyya’an fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Inistiitiyuuticha

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2018(FMC)- Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa sanyiiwwan teeknooloojiin fooyya’an fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe.

Inistiitiyuutichi Godina Jimmaatti hojiilee teeknooloojii oomisha ruuzii ammayyaa fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjetamaa jiran daawwateera.

Inistiitiyuutichatti Daayrektarri babal’inaafi qorannoo teeknooloojii sanyii Dooktar Gammachuu Qananii wayita kana akka jedhanitti, sanyiiwwan ruuzii fooyya’oofi dhibee dandamachuu danda’an baay’isuun qonnaan bultoonni akka itti fayyadamaniif hojjetamaa jira.

Giddugalawwan qorannoo kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti argaman 23 keessatti hojiileen sanyiiwwan fooyya’oo teeknooloojiin baay’isuu fi waliingahuu hojjetamaa akka jiranis eeran.

Inistiitiyuutichatti Qindeessaan Qorannoo Damee Ekisteenshinii Qonnaa Dooktar Addisuu Bezzaabbi gama isaaniin, wabii nyaataa mirkaneessuufi oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf sanyiiwwan fooyya’oo baay’isuun fi madaqsuun hojiin oomishaafi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu hojjetamaa jira jedhan.

Sanyiiwwan ruuzii lama Giddugala Leenjiifi Qorannoo Ruuzii Biyyaalessaa Foogaaraatti baay’ifaman Godina Jimmaa aanaa Shabbee Sombootti madaqfamuun bu’aa jajjabeessaa fiduu kan ibsan ammoo Daayrektara Giddugala Qorannoo Qonnaa Jimmaa kan ta’an Lammii Beeksisaati.

Sanyiiwwan kunneen heektaara tokkorraa oomisha kuntaala 50 kan argamsiisan ta’uus ibsaniiru.

Warqaafarraaw Yaalawtu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.