Sassaabbii oomishaa godina Shawaa Bahaatti
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Godina Shawaa Bahaatti sassaabbin oomisha Xaafii, Qamadii fi Boloqqee aanaalee garaagaraa keessatti eegalameera.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina shawaa Bahaa obbo Masfin Tashoomaa akka himanitti, godina shawaa Bahaatti bara kana lafti heektaarri Kumni 500 fi kumni 28 ol akaakuu midhaanii garaagaraan misoomeera.
Yeroo ammaas sassaabbiin Oomishaalee karaa qulqullinni isaa eegeen Kompaayinaraan sassabamaa akka jiru ibsan.
Akka godinichaattis callaa kuntaalli miiliyoonni 19.2 ni eegama jechuun eeran.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.