Seeronni idil-addunyaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu dandeessisan jiru- Pirezidaanti Hasan Sheek Mahaammud
Finfinnee, Fulbaana 7, 2018(FMC)- Pirezidaantiin Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud seeronni idil-addunyaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu dandeessisan jiru jedhan.
Pirezidaanti Hasan Sheek Mahaammud dhimmoota biyyaa fi naannawaa irratti turtii televizhiinii Al Arabiyaa waliin taasisaniin, gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaafi Hidha Guddicha Haaromsaarratti yaada isaanii kennaniiru.
Ulaan galaanaa diinagdee, nageenyaafi tasgabbii biyya tokkoof murteessaa ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf filmaatawwan sadarkaa idil-addunyaatti fudhatamummaa qaban jiraachuus eeraniiru.
Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa ilaalchisees yaada kennaniin, Hidhichi Itiyoophiyaarra darbee biyyoota naannawichaaf shoora olaanaa kan qabu ta’uu dubbatan.
Kaayyoon Hidhichaas humna elektirikaa maddisiisuu akka ta’e ibsaniiru.
Hidhichi diinagdee Itiyoophiyaaf qooda olaanaa qabaachuu kan ibsan Pirezidaanti Hasan Sheek Mahaammud, Itiyoophiyaan Keeniyaa, Sudaan fi Jibuutiif huma elektirikaa dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Biyyi isaanii hidhichaan walqabatee Itiyoophiyaa, Ijipt fi Sudaan gidduutti tattaaffii furmaata fiduuf godhamu deeggaruuf qophii ta’uus mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaafi Soomaaliyaan biyyoota daangaa dheeraa qooddatan ta’uu kaasanii, hirmaannaa Itiyoophiyaan gama Ergama Gamtaa Afrikaan Soomaaliyaatti nageenya kabachiisuuf taasiftu yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.