Fana: At a Speed of Life!

Sennessa waloo ijaruuf miidiyaalen qindoomanii hojjechuun murteessaa dha – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC)- Seenessa waloo ijaaruuf miidiyaaleen qindoomanii hojjechuun ga’ee guddaa taphata jedhan Waajjira Muummee Badhaadhinaatti, Ministirri Ittigaafatamaan Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa  Dooktar Biqilaa Hurrisaa.
 
Dameen Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa hoggantootaa fi ogeeyyii hariiroo uummataa dhaabbilee federaalaa wajjin mar’ataa jira.

Dooktar Biqilaa Hurrisaa wayituma kana akka jedhanitti, seenessa qeentee naannawaa fi qoqqoodaa balleessuuf qindoomanii hojjechuun barbaachisaa dha.

Itiyoophiyaatti nagaa fi seenessa waloo waaraan baballisuuf miidiyaaleen hojjechuu, waan hojjetan irra deddeebiin dubbachuu fi karaalee adda addaa odeeffannoo biyyaalessaa sirrii tamsaasuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Miidiyaalee biyya keessas ta’e biyya alaa taa’anii  biyya diiguuf odeeffannoowwan dogoggoraa tamsaasanis hordofamaa akka jiran eeraniiru.

Zuufaan Kaasaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia 

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.