Shaampiyoonaa Atileetiksiin Dorgommiin Fiigicha Meetira Kuma 5 Dhiirootaan har’a ni gaggeeffama
Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC)- Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamaa kan jiru Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaa guyyaa xumuraan har’a dorgommiin fiigicha meetira kuma 5 dhiirootaan ni gaggeeffama.
Dorgommichi guyyaa sa’aatii 7:47 irratti kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Itiyoophiyaa bakka bu’uun Atileet Hagos Gabrahiwoot fi Biiniyaam Maharii ni dorgomu.
Itiyoophiyaan Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan hanga ammatti Meedaaliyaa meetii 2 fi Nahaasii 2 argachuun sadarkaa 20ffaarratti argamti.
Ameerikaan Warqee 12, Meetii 4 fi Nahaasii 4 waliigala Meedaaliyaa 20 argachuun sadarkaa 1ffaarratti argamti.
Keeniyaan Warqee 5 Meetii 2 fi Nahaasii 2 waliigala meedaaliyaa 10’n sadarkaa 2ffaar qabateetti.
Kaanaadaan Warqee 3 fi Nahaasii 1 argachuun sadarkaa 3ffaa irratti argamti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.