Shaampiyoonaan tapha guutuu Aanaalee Godina Jimmaa eegale
Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaan tapha guutuu Aanaalee Godina Jimmaa 32ffaan eegale.
Shaampiyoonaan kun mata duree”Ispoortiin olka’insa biyyaaf” jedhuun guyyoottan 10’f kan geggeeffamuudha.
Itti Gaafatamaan waajjira dargaggoo fi Ispoortii Godina Jimmaa obbo Nagumaa Makoonnin, kaayyoon dorgomichaa dargaggoota gahuumsa qabaniifi godinicha bakka bu’an filachuuf ta’uu dubbataniiru.
Kanumaan walqabatee dargaggootni gahumsa qabaniifi filataman dorgoommii sadarkaa naannootti geggeeffamu irratti godinicha bakka bu ‘uun kan hirmaatan ta’uu himaniiru.
Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa Obbo Yesuuf Shaaroo gama isaaniin, dargaggota naamusa qabaniif biyya bakka bu’an horachuu keessatti dorgommiin akkasii murteessaa ta’uu himaniiru.
Shaampiyoonichi gosoota ispoortii 14’n kan taasifamu yoo ta’u ispoorteessitoonni kumni 1fi 800 irratti ni hirmaatu.
Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia