Fana: At a Speed of Life!

Shaggar, Bishooftuu, Gadaa fi Adaamaa — Pilaanii Muummee Haaraan

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Pilaanii Muummee Haaraa Magaaloota Shaggar, Bishooftuu, Gadaa fi Adaamaa ilaalchisuun ibsi baasan akka itti aanuutti dhiyaateera.

Magaalonni keenya, addatti Shaggar, Bishooftuufi Adaamaan hudhaalee pilaanii magaalaa, caasaa dinagdee, tajaajila hawaasummaa, qophaa’ummaa carraalee egeree, mancaatii naannawa umamaafi kkf keessa turan.

Murtoo jabaa adeemsa asiin-gadee kana jijjiiruuf taasifameen yaadamni haaraan beeksifameera.

Yaadamni kun, hammattoo tarsiima’aa, pilaanii mummee (master plan)’fi pilaanii misooma qe’eetiin (local development plan) Kunis magaalota kunniin gamanumaa adeemsa jijjiiramaa ariifataa keessa galcheera.

1. Hammattoo Tarsiima’aa Magaalomsuu Haaraa
Hammattoo tarsiima’aan imala magaalomsuu haaraa qajeelchu qophaa’era.

Innis yaadadamoota shanan ittaanee tarreeffaman jalatti kufa: maagaalaa akka sochooftuu dinagdeetti fudhachuu; adeemsi siyaas-dinagdee magaalomsuu armaan dura ture bu’uurarraa jijjiiramuu qabachuu; imaammataafi sirnakkoo invastimantii ture jijjiiruun hawwataafi hammataa taasisuun murteessaa ta’uu; lakkoofsa ummata magaalaa dabalaa jiru akka carraatti fudhachuun misooma ariifachiisuuf oolchuu (reverse thinking); akkasumas magaalota yeroo dhufuu hundeessuun carraawwan egereef ofqopheessuu.

2. Pilaanii Mummee Haaraa
Pilaannonni mummee haaraan magaalota Shaggar, Bishooftuufi Adaamaa, xiinxala qooddattoota carraafi dilbii akkasumas yaaddoo jijjiiramoofi dhaabbatoo uwwisa baldhaa bu’uureffachuuun kan qophaa’anidha.

Akkasumas iddoo seenaa keessatti qaban, bara muldhata magaalotichaafi kkf yaada keessa kan galchanidha. Bu’uuruma kanaan, fedhii misooma dinagdeefi hawaasummaa, hidhamiinsa keessoo, waliinifi naannawa isaanii gidduu jiraachuu malu akkasumas bifa nafoo (physical layout) isaanii akeekaniiru; walsimsiisaniiru.

Fakkeenyaaf, ittifayyadama lafaa akeekame yoofudhanne muldhata, koriidoroota misoomaa, hidhamiinsa, teessumaafi ittifayyadama lafaa yeroo ammaa hojiirra jiru akkasumas baay’ina ummata egeree yaada keessa kan galchedha.

Akkasumas bobboca daandii yemmuu ilaallu, konkolaataa caalaa lafoof xiyyeeffannoo kan kennudha.

Kanaaf, daandii marti karaa lafoo, ‘sarara ‘cycle’, lafa bu’umsaa (carriage way), hirmaata gidduu (median strip), buraajoo (utilities)’fi lafa magariisaa waliin karoorfamaniiru.

Pilaanonni mummee haaraan pilaanii misooma qe’eetiin (local development plan) dabaalamaniiru. Kunis hirdhina pilaanota mummee armaan dura turanii kan hambisedha.

3. Pilaanii Misooma Qe’ee Haaraa
Pilaanonni misooma qe’ee magaalota kunniinii kallattii, akeekafi kaayyoowwan pilaanota mummee isaanitiin kaa’aman qe’eewwan tokkoon tokkoonitti madaqsaniiru.

Caasaaleen nafoo (physical structure) kanneen akka ijaarsaalee, bu’uuraalee misoomaa, iddoowwan ikoo-turizimii, naannawa umamaa, lafa banaa waloofi kkf keessoo qe’eewwaniitti eessa eessa akka qubatan taakkuu taakkuun kaa’aniiru.

Dabalataanis, Saxaxa magaalaafi teessuma lafaa, gosa bobboca ijaarsaaleefi caasaalee nafoo fayida-qabeessummaa, hawwatummaa, duudhaa bareedinaa, fulla’iinsafi mijatummaa irratti hundaa’uun murteessaniiru.

Akkasumas eenyummaa, duudhaafi seenaa hawaasa qe’ichaa akka calaqqisan darbees akka tajaajilan akeekaniiru.

Walumaagalatti, pilaanonni misooma qe’ee kunniin, milkaa’ina magaalomsuu qabatamaa mootummaa, lafaafi nama irratti galmaa’un ofibsuu edu.

Gama birootiin, misooma dinagdee, mijatummaafi fulla’iinsan ifuu edu.

Kunis raawii hojiilee sirna bulchiinsaa, caaseffama dinagdee, hidhamiinsaa/sochii, simboo naannawaa, haala jireenyaafi dammaqiinsa jiraataa magaalaa kan bu’uureffatudha.

4. Modeelota Magaalaa Pilaanota Mummee Haaraa
TOKKO: Modeela Magaalaa Giddugala-danuu
Karooronni haaraan, modeela magaalaa giddugala-danuu (Polycentric city) hordofu. Magaalonni keenya giddugala-tokkee, wiirtu-tokkee, tinfamoofi jeeqamoo turan.

Modeelli haaraan gara giddugala-danuutti, qe’eewwan (localities) danuu ofdanda’aniifi eenyummaa mataa isaanii (local identity) horatanitti kan ceesisu.

Dabalataanis, koriidoroota, funyoowwan dinagdee, lafa banaa waloofi magariisaa kan daneessuu akkasumas filannoo sochii (mobility) kan baay’isu.

Modeelli kun tinfama (congestion) sochiifi geejjibaa, rukkina ummataa akkasumas dhiibbaa bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaasummaafi sochii dinagdee magaalaa giddugala-tokkeen hordofsiisaa ture kan furgaafachiisudha.

Akkasumas giddugalliwwan, mandaroonni/qe’ewwanifi funyoowwan dinagdee jiran, odola ta’anii akka hinhafne, koriidora sochii, saaphana hidhamiinsa waliifi naannaawa isaanii gidduutti kan abuurudha. Walumaagalatti rakkoo facaatii misoomaa, qabeenyaafi tajaajilaa qaban furuun madaallii kan umedha.

LAMA: Modeela Magaalaa Suuka’aa

Karooronni mummee kunniin modeela magaalaa suuka’aa (compact) hordofu. Kunis adeemsa boodatti hafaa magaalota keenyaa daran jijjiira.

Misooma magaalaa bittinna’aa gara suuka’aatti; fayyadama lafaa gos-tokkee gara walkeessotti (mixed); addaan cita gara hidhamiinsatti; mancaatii naannawaa gara kunuunsatti; qabiyyee dhuunfaafi mootummaa seenuuf dhorkamaa ta’an gara lafa banaa waloo qaqqabamootti; akkasumas walirraa fageenya lafa hojiifi naannawa jireenyaa gara ollummaatti ceesisuuf kan gargaarudha.

Milkaa’ina isaas ida’ama (synergy) dhimmoota dinagdee, hawaasummaafi naannawaa gidduutti umamu irratti bu’uuressa.

Walumaagalatti, galma misooma magaalaa bittinna’aa gara hammataa, walitti hidhamaafi fulla’aatti ceesisuuf qabame milkeessuuf meeshaa amansiisadha.

Modeelli magaala suuka’aa, hiixannaa (strech) misoomaa nixiqqeessa; deemsa dheeraa hawaasni tajaajila argachuuf taasisaa ture nihir’dhisa; miira addummaa qe’ee (sense of place) laafee ture nicimsa.

Hundaa’ol, magaalaa lafuma jirurratti haaromsuuf waan dandeessisuuf, babaldhina hinmalle (sprawl) kan hambisudha. Karooronni mummee magaalota kunniinii, tarsiimolee raawwii ijoo sadi hordofu.

5. Tarsiimolee Raawwii Karoora Mummee Haaraa

Tokko – Daangaa Misooma Magaalaa Murteessuu
Halli yaraa magaalonni kunniin keessa turan, gama tokkoon madaallii naannawa umamaafi naannawa ijaarsaa gidduu jiru faallesse ture; gama birootiin faca’iinsa misoomaa jeeqamaaf ka’umsa ta’eera. Pilaanonni haaraan furmaata rakkoolee kunniinii akeekaniiru.

Uwwisa waliigalaa qaban (Shaggar hkt kuma 160; Bishooftuu hkt kuma 62; Gadaa hkt kuma 24; Adamaa hkt kuma 56) keessaa giddugaleessaan %70 naannawa umamaatiif (natural environment) daangessaniiru.

Qabiyyee umamaa isaa osoo gadi hindhiisin tajaajila sirnakkoo, lafa banaa waloo, magariisummaafi ikoo-turizimiif oolchuuf karoorsaniiru.

Inni biroo daangaa magaalaa misoomni keessatti adeemsifamuu qabu murteessudha. Akkuma olitti kaa’ame, uwwisa qaban keessaa naannawa ijaarsatiif (built environment) kan hafu %30 kan ta’u.

Kanas, duudhaa naannawa ijaarsaa lafa magaalaa — %30, %30, %40 — hordofuun qoqqoodu. Kana jechuun %30 lafa banaa, magariisafi qaama bishaanitiif, %30 bu’uuraalee misoomaatiif akkasumas %40 ijaarsaalee uwwisoof oolchudha.

Tarsiimoon kun hundaa’ol bargaatifi qisaasama qabeenyaa murtaa’aa ofharkaa qabnu hambisuuf kan gargaarudha.

Lama: Funyoowwan Ce’umsaa Adda Baasuu
a) Funyoowwan Misoomaa

Magaalaa naannawa ijaarsafi umamaa jechuun adda baasun qabeenya murtaa’aa ofharkaa qabnuuf gahaa miti; kanaaf, naannawa ijaarsaa keessayis iddoowwan daanga’aa fuulleffannaa misoomaa ta’uun ce’uumsa bu’uuressan adda bahaniiru.

Kanneen keessaa tokko funyoo sochii dinagdee misoomni irra-deebiifi haaraa akkasumas invastimantiin addatti itti gaggeeffamudha.

Karoora mummee Shaggar yoofudhanne, funyoowwan misoomaa rukkina olaanaa sadarkaa duraa 6 (high density primary development nodes)’fi sadarkaa lammeessoo 27 adda baasera. Kan Bishooftuu, funyoowwan misoomaa rukkina olaanaa sadarkaa duraa sadi (03)’fi sadarkaa lammeessoo 14 adda baasera.

Kan Magaalaa ZDAG, marsaa jalqabaatiif, funyoowwan misoomaa saddeet (08) adda baasee misoomaa jira.

Kan Adaamaa gama isaatiin, funyoowwan misoomaa rukkina olaanaa sadarkaa duraa sadi (03)’fi sadarkaa lammeessoo 13 akeekera.

b) Koriidoroota Misoomaa

Tarsiimoon raawwii inni biroo koriidoroota misoomaa garagaraa adda baasudha.

Shaggar yoofudhanne, sararoota geejjibaa isa qaxxaamuran (daandiifi sarara baaburaa buleeyyiifi buufataalee xiyyaaraa lamaan walqunnamsiisuuf karoorfaman), sabbata magaariisaa isa marse (green beelt) , qarqara lageenifi mudhii gaarrenii (hill side) irratti hundaa’uun koriidoroota misoomaa kudhan (10); Bishooftuun sararoota geejjibaa (daandiifi sarara baaburaa buleeyyiifi haaraa buufataalee xiyyaaraa lamaan walqunnamsiisuuf karoorfaman) irratti hundaa’uun koriidoroota lama (02); Adaamaan sararoota geejjibaa Adaamaa-Asallaafi Finfinnee Dirree Dhawaa hordofuun koriidoroota misoomaa lama (02) adda baasaniiru.

Koriidoroonni misoomaa kunniin indastirii, daldala, faayinaansii, bulchiinsa, tajaajila, jireenya, gabaa, misooma walkeessoo (mixed use), zoonii dinagdee addaafi daldala bilisaa, misooma magariisaa, ispoortiifi bashannana, misooma turizimiifi ikoo-turizimii, misooma qonnaa, bu’uuraaleefi kkf kan hammatanidha.

c) Mandaroota/Qe’ewwan Misoomaa

Inni biroo mandaroota xiyyeeffannoo misoomaa argachuu qaban adda baasudha. Irra-caalaan mandaroota kunniinii, caaseffama irra-deebii dura teessoo aanaa baadiyyaa amala magaalummaafi baadiyummaa (walmakaa) qaban kan turanidha.

Shaggar yoofudhanne, mandara Dirree (teessoo Aanaa Dirree, Kuraa Jiddaa), Mandara Gudduu (teessoo Aanaa Gudduu, Gafarsa Gujjee), Mandara Lakkuu Geejjaa (teessoo Aanaa Lakkuu Geejjaa, Galaan Guddaa)’fi mandara Andoodee (teessoo Aanaa Andoodee, Galaan) kaasuu dandeenya.

Sadi: Zoonii Cimsoomsa (Consolidation Zone)

Tarsiimoon inni biroo lafoota qubsuma faca’aa (sprawl) daangaa magaalaa keessatti argaman adda baasuun akka zoonii cimsoomsatti fayyadamuudha.

Iddoowwan kunniin gidduufi qarqara magaalota kunniinitti kan argaman yoota’u itti babaldhachuuf (infill) kan oolanidha.

Dabalataanis mandaroota haaraa hundeessuuf karoorfameera.

Bu’uuruma kanaan, Shaggar kutaalee magaalichaa 12’n keessatti mandaroota 15; Adaamaan kutaalee magaalaa sadi keessatti mandaroota 5; Bishooftuun kutaalee magaalichaa hunda keessatti mandaroota 5 hundeessuuf karoorsaniiru.

Walumaagalatti, daangaan naannawa umamaafi ijaarsaa, koriidoroonni, funyoowwanifi mandaroonni ce’umsaaf yaadaman kunniin, carraaleefi dilbiiwwan caalmaa gama dinagdee, mijatummaa tajaajila hawaasummaafi fulla’iinsaa akkasumas haala teessuma isaanii bu’uureffachuun kan akeekamanidha.

Akkasumas, sirna bulchiinsafi ittifayyadama lafaa idil-addunyaa hordofuun kan raawwatamedha.

Yaadama magaalomsuu haaraa, qabatamaan lafarratti niraawwanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.