Tajaajilli Mirkaneessa qulqullinaa Naannawa Daldala Walabaa Dirre Dawaa bu’uureffate kennamaa jira – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Guraandhala 29, 2018 (FMC) – Tajaajilli mirkaneessa qulullinaa Naannawa Daldala Walabaa Dirre Dawaa fi Buufata lafarraa bu’uureffate kennamaa jira jedhan Ministiri Muummee Dooktar Abiy Ahimad
Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, sochii Dhaabbanni Madaallii Miijatinaa Itiyoophiyaa Waajjira Damee Dirre Dawaa ilaaluu ibsaniiru.
Dhaabbatichi sirna hojimaata idil addunyaa hordofee oomishtootaaf, dhaabbilee tajaajilaaf, ergitootaaf, fichisiistotaaf, waajjiraalee to’attootaaf, dhaabbilee qorannoo fi hawaasa shamattootaaf tajaajila mirkanessa qulqullina oomishaalee fi tajaajilootaa kennaa jira jedhan.
Dhaabbilee oomishtootaa fi tajaajila kennaniif naannawa daldala bilisaa akkasumas buufata lafarraa bu’uura godhachuun Laaboraatoonii sakatta’iinsaa haaraa gurmeessuun tajaajilicha waliin ga’eera jedhan.
Dhaabbatichi kanaan dura Zayita, oomisha boba’aa, oomishaalee nyaataa adda addaa, oomishaalee midhaginaa fi diteerjentoota, oomishaalee fi galteewwan ijaarsaaf tajaajila mirkaneessa qulqullinaa kennaa akka jirus eeraniru.
#Oromia #Ethiopia