Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti barattoonni kumni 300 fi kumni 79 ol fayyadamoo sagantaa nyaata barattootaa ta’an

Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2018 (FMC) – Magaalaa Shaggaritti manneen barnootaa kuma 1 fi 224 keessatti sagantaan nyaata barattootaa hojiirra oolaa jira jedhe Waajjirri Barnootaa magaalichaa.

Barattootni kumni 300 fi kumni 79 fi 279 fayyadamoota sagantichaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Firakiyyaa Kaasahuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Sagantichi bu’aa barnootaa fi fayyaa daa’immanii irratti jijjiirama olaanaa argamsiisaa jira jedhan.

Rakkoo hanqina nyaataa fi soorata ittisuu danda’uu eeruun, Manneen barnootaa bu’uura boruu keessatti aannanii fi hanqaaquun meenuu keesstti akka hammatamu taasifamuun ammoo daa’imman soorata barbaachisoo guddinaa isaaniif murteessaa ta’an akka argatan gargaaruu kaasan obbo Firakiyyaan.

Sagantichi tumsa dhaabbilee adda addaa waliin hojiirra oolaa jiraachuus dubbataniiru.

Sababa kanaan qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufuu fi harcaatiin barattootaa daran xiqqaachuu ibsaniiru.

Sagantaan nyaata barattootaa hariiroo hawaasummaa barattootaa guddisuu keessatti gahee guddaa bahachaa jiraachuu eeran.

Bulchiinsi magaalaa Shaggar Lammii gahumsa, beekkumsa, dandeettii fi naamusa gaarii qabu horachuuf hojii hojjetaa jiru keessatti sagantaan nyaata barattootaa gahee olaanaa bahachaa jira jedhan obbo Firakiyyaan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.