Fana: At a Speed of Life!

Shakamtoota malaanmaltummaa irratti hirmaatan to’achuun Birrii biiliyoona 53 ol deebisuun danda’ameera- Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el

Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Bara 2012 irraa eegalee shakamtoota yakka malaanmaltummaa irratti hirmaatan to’achuun Birrii biiliyoona 53 ol deebisuun danda’ameera jedhan Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el.

Poolisiin Federaalaa Komishinii Farra Malaanmaltummaa Federaalaa waliin ta’uun guyyaa har’aa hojiiwwan yakkoota malaanmaltummaa ittisuufi qorachuun namoota yakkicha raawwatan haqatti dhiyeessuuf hojjechaa ture gamaaggameera.

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana oppireeshinii cimaa biyya keessaafi alatti raawwatameen shakkamtoota qabeenya uummataafi biyyaa saaman to’atamuu ibsaniiru.

Hojii gama Kanaan hojjetameen Birrii biiliyoona 53 ol deebisiisuun akka danda’ames kaasaniiru.

Qaawwaa hojii ittisaafi to’annoo yakka malaanmaltummaa irratti mul’achaa ture sirreessuuf riifoormii gaggeeffameen waggoottan jijjiiramaa darbanitti bu’aa olaanaan galmaa’uu yaadachiisaniiru.

Meeshaalee qorannoo ammayyaa fayyadamuun hojiin qorannoo iftoomina qabuufi sadarkaa idil-addunyaa eeggate akka ta’uuf hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Tattaaffii malaanmaltummaa ittisuu keessatti hawaasni karaa tajaajila poolisii nam-maleessa, Appilikeeshinii ‘EFP’ fi toora bilbila bilisaa 991’n eeruu kennuun milkaa’ina galmaa’e keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaanmaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Hurqaatoon gama isaaniin, Poolisiin Federaalaa hojii ittisaafi qorannoo yakkaa ammayyeessuufi dorgomaa taasisuuf hojiin hojjechaa jiru akka biyyaatti kan nama boonsudha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.