Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan Sanada wabii sobaan Baankiilee garaagaraarraatti yakka malaammaltummaa Birrii miiliyoona 89 raawwate to’atame

Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Shakkamaan Sanada wabii sobaan Baankiilee garaagaraarraatti yakka malaammaltummaa cimaa Birrii miiliyoona 89 raawwachuun barbaadamaa ture waahillan isaa waliin to’atame jedhe Poolisiin Federaalaa.

Shakkamaan Baankii Gadaa, Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi dhaabbilee biroorratti yakka malaammaltummaa Birrii miiliyoona 89 raawwachuun barbaadamaa ture waahillaan isaanii waliin to’atamuu hime.

Shakkamaan kun aangoo seeran ala fayyadamuun sanadoota wabii sobaa baankiilee qopheessuun yakka raawwachuu ibse.

Gocha yakkaa qindaa’e kanaan, sanada wabii kaffaltii duraa Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Waadaraa Birrii miiliyoona 23 fi kuma 296 ta’u sobaan dhiyeessuun,akkasuma dhaabbata oomisha halluu Fenan Mahammad Bashiriif sanada gurgurtaa duubee sanada sobaa Birrii miiliyoona 20 dhiyeessuun, waliigalaan kasaaraa maallaqaa Birrii miiliyoona 43 fi kuma 200 fi kuma 96 olii qaqqabsiisuu qorannoon Poolisiin ni mul’isa.

Dabalataan sanada wabii sobaan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaarraa Birrii miiliyoona 28 fi Mana Murtiin Dhorkamee kan ture Mana jireenyaa sanada sobaan kaasuun sanada sobaan qaama 3ffaaf dabarsuun Baankii Daldalaa Itiyoophiyaarraa Birrii miiliyoona 18 fudhachuun miidhaa qaqqabsiisuutu eerame.

Poolisiin Federaalaas qaamolee diinagdee biyyaarraa miidhaa cimaa qaqqabsiisan kanneen to’annoo jala oolchuun qorachaa akka jiru hime.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.