Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti biqiltuuwwan miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 96 dhaabbiif qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2017 (FMC) – Shawaa Kaabaatti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuuwwan miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 96 qophaa’uu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godinichatti biqiltuuwwan miiliyoona 300 fi miiliyoona 10 qopheessuuf karoorfamee hanga ammatti miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 96 qophaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Hirphaa Addunyaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Biqiltuuwwan kunneen buufataalee biqiltuu mootummaa, qonnaan bulaa fi dhaabbilee dhuunfaa aanaalee godinichaa hunda keessatti argamanitti qophaa’uu eeraniiru.

Sululoonni biqiltuun keessa dhaabbatan adda bahee GPS’n fudhatamuun himuun, yeroo ammaa hojiin boolla’a qopheessuu hojjetamaa jiraachuu obbo Hirphaan dubbataniiru.

Hanga ammaatti boolli miiliyoonni 8.3 qophaa’uus kaasaniiru.

Biqiltuuwwan bara darbe dhaabbatan keessaa % 88 latuus himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.