Fana: At a Speed of Life!

Simannaa barattota Yuuniivarsiitii tekonooloojiin deeggerame…

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) –Yuuniivarsiitiin biyya Chaayinaa Choon Giikangi roobootota namaa fi sarootaan fakkeeffamaniin barattoota simachuun isaa xiyyeeffannaa argateera.

Yuuniivarsiitiin Kibba Lixa Chaayinaatti aragamu Roobootota namaa fi sareetti fakkeeffamaniin gargaaramuun barattoota kan simate yoo ta’u, roobootonni boorsaa barattootaa fuudhuun baga nagaan dhuftan jechuurra darbee agarsiisa adda addaa waltajjii irratti dhiyeessaniiru.

Simannaan roobootota saree fi namaan deeggerame dinqisiifannaa guddaa argate kun seenaa Yuuniivarsiitichaa keessatti kan jalqabaa ti jedhameera.

Kunis guddina teeknooloojii Yuuniivarsiitichaa darbees kan biyyattii kan agarsiisu yoo ta’u, guddina hubannoo namtolchee akka mul’isus eerame.

Roobootonni kunniin barattoonni yaada kophummaa keessaa ba’uun akka waan maatii isaanii wajjin jiraniitti akka itti dhaga’amuuf kan hojjetamaniidha.

Chaayinaatti Yuuniivarsiitii keessatti Roobootota walfakkaatoon barattoota simachuun baramaa kan dhufe yoo ta’u, teeknooloojichis guddachaa dhufuu akka argisiisu himameera.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.