Fana: At a Speed of Life!

Sirna cimaa waloon ijaarrachuun hiyyummaa fi booddatti hafummaa keessaa bahuuf tokkummaa keenya itichina – Obbo Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Mariin paanaalii Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromootiin qophaa’ee kan Dargaggoota Oromoo fi qaamoolee hawaasaa gara garaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.

Marichi mata-duree “Wal ajjeechaan haa dhaabbatu;nageenyi waaraan fulla’iinsaan haa mirkanaa’u” jedhuun guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti mari’atamaa jira.

Boqonnaan qabsoo Oromoo kan wal ajjeechaa osoo hin taane sirna cimaa waloon ijaarrachuun hiyyummaa fi booddatti hafummaa keessaa bahuuf tokkummaa keenya kan itti itichinuudha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan maricharratti ergaa dabarsaniin.

Uummatni oromoos saboota sirnoota darbaniin cunqurfamaa turan keessaa tokko ta’uu himuun cunqursaa kanaaf garuu kan hin jilbeeffannee fi qabsoo hadhaa’aa geggeessaa turuu himan.

Amma garaagarummaan ilaalchaa illee yoo jiraate akka aadaa fi duudhaa keenyaatti maree fi marabbaan hiikachuun itti fufiinsa sirnaa murteessa waan ta’eef,Sababa mareen hiikkachuu dhabuutiin afaan qawween waldura dhaabbannee kan wal ajjeesnu yoo ta’e kan fayyadamu diina oromoo ta’uu kaasan.

Waliin dhaabbachuun fi waldhaga’uun keenya injifataa nu taasisaa;uummatta keenyaafis kabaja jedhan.

Marii kanarratti waraqaawwan qorannoo bu’aa ba’ii seenaa qabsoo Oromoo,sadarkaa qabsoo amma irra gahe, shoora dargaggootni qabsoo Oromoo keessatti qaban ibsu hayyootaan dhiyaachuun bal’inaan mari’atameera.

Gamtaan Qeerroo Dargaggoota Oromoo rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa akka hiikamuu fi qe’een Oromoo nagaa dheebote nagaa akka argatuu akkasumas rakkoo jiru bifa ammaayyaa’en mareefi marabbaan furuu kan kaayyeffate ta’uu waltajjii kanarraa ibsameera.

Marii Paanaalii kana irratti miseensoonni Gamtaa Dargaggoota Qeerroo Oromoo, hayyooliin, Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, Ogeeyyiin Artii fi qaamoleen sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaman hirmaatanii jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.